1 Dubbiin
6 “ ‘Anis utuun achiin darbuu siʼii dhiiga kee keessa ciiftee dhidhiitattu sin arge; utuma ati achi dhiiga kee keessa ciiftuu ani, “Jiraadhu!” siinan jedhe. 7 Akkuma biqiltuu dirreettis sin guddise. Atis guddattee jabaattee lula akka malee miidhagu taate. Ati qullaa fi harka duwwaa turte, guntuta baaftee rifeensi kees guddate.
8 “ ‘Ani yeroon deebiʼee achiin darbutti si ilaaleen akka ati jaalalaaf geesse sin arge; handaara wayyaa kootiis sirra buuseen qullummaa kee haguuge. Siif kakadhees si wajjin waadaa nan gale, jedha
9 “ ‘Ergasii ani bishaaniin si dhiqee dhiiga sirraa miicee zayitii si dibe. 10 Ani uffata faayeffame sitti uffisee kophee gogaa irraa hojjetame illee sitti nan kaaʼe. Wayyaa miidhagaa quncee talbaa irraa hojjetame sitti uffisee uffata gatii guddaa immoo sirra buuse. 11 Ani faayaan si miidhagseera jechuunis irree keetti bitawoo, morma keetti immoo amartii siif godheera; 12 ani funyaan keetti qubeelaa, gurra keetti amartii, mataa keetti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼeera. 13 Atis akkasiin warqee fi meetiidhaan miidhagfamte; uffanni kees quncee talbaatii fi haarriidhaan faayeffamee hojjetamee ture; nyaanni kee daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii ejersaa ture. Ati akka malee bareeddee mootittii taʼuuf kaate. 14 Waaʼee bareedina keetiitiifis maqaan kee saboota gidduu tamsaʼe; surraan ani siif kenne bareedina kee kan hanqina hin qabne godheeraatii, jedha
15 “ ‘Ati garuu miidhagina kee amanattee maqaa kee sagaagalummaadhaaf itti fayyadamte. Kara deemaa kam iyyuu wajjin sagaagaltee miidhagina kees kenniteef. 16 Uffata kee keessaas tokko tokko fuutee iddoowwan sagadaa kanneen itti sagaagaltu sana ittiin miidhagsite. Wanni akkasii takkumaa taʼee hin beeku; fuuldurattis hin taʼu. 17 Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte. 18 Uffata kee kan faayeffamee hojjetames isaanitti uffistee, zayitii fi ixaana koos fuula isaanii duratti dhiʼeessite. 19 Nyaata ani siif kenne jechuunis daakuu bullaaʼaa, zayitii ejersaatii fi damma ani akka ati nyaattuuf siif kenne sana akka ixaana urgaa gaarii qabuutti fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Wanni akkasii taʼeera, jedha
20 “ ‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee? 21 Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote. 22 Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne.
23 “ ‘Wayyoo! Siif wayyoo, jedha
30 “ ‘Ati akka sagaagaltuu hin saalfanne tokkootti waan kana hunda gochuun kee yaada dadhabaa akkamii qabaatteeti! jedha
32 “ ‘Yaa niitii sagaagaltuu nana! Ati qooda dhirsa keetii kara deemaa filatta! 33 Sagaagaltuun kam iyyuu gatii fudhatti; ati garuu michoota kee hundaaf kennaa kennita; akka isaan iddoo kamii iyyuu gara kee dhufanii si wajjin sagaagalaniif jettee mattaʼaa kennitaaf. 34 Kanaafuu sagaagalummaan kee kan warra kaaniitiin adda; namni kam iyyuu si argachuuf si faana hin buʼu. Ati gatii kennita malee waan gatiin siif hin kennamneef ati kan addaa ti.
35 “ ‘Kanaafuu yaa sagaagaltuu nana, dubbii
43 “ ‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha
44 “ ‘Namni mammaaksa mammaaku kam iyyuu, “Intalli akkuma haadhaa ti” jedhee waaʼee kee mammaaksa kana mammaaka. 45 Ati intala haadha kee kan dhirsaa fi ijoollee ishee balfite sanaa ti; ati obboleettii obboleettota kee kanneen dhirsoota isaaniitii fi ijoollee isaanii balfan sanaa ti. Haati kee nama Heeti, abbaan kee immoo nama Amoor turan. 46 Obboleettiin kee hangafni Samaariyaa ishee intallan ishee wajjin siin gama kaabaa jiraattu sanaa ti; obboleettiin kee quxisuun Sodoom ishee intallan ishee wajjin siin gama kibbaa jiraattuu ti. 47 Ati karaa isaanii duukaa buutee hojiiwwan isaanii jibbisiisoo sana hojjechuu qofa utuu hin taʼin karaa kee hundumaan daftee isaan caalaa amala badde. 48 Ani jiraataadhaatii, jedha
49 “ ‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre. 50 Isaan of tuultota turan; fuula koo duratti waan jibbisiisaa hojjetan. Kanaafuu ani akkuma isin argitan sana isaan nan balleesse. 51 Samaariyaan cubbuu ati hojjette sana walakkaa isaa illee hin hojjenne. Ati isaan caalaa waan jibbisiisaa hojjettee waanuma hojjette kana hundaan obboleettota kee qajeeltota fakkeessite. 52 Ati waan obboleettota keetiif falmii qopheessiteef qaanii kee baadhadhu. Sababii cubbuun kee cubbuu isaanii caalaa hamaa taʼeef isaan si caalaa qajeeltota fakkaatu. Kanaafuu qaanaʼiitii salphina kee baadhadhu; ati akka obboleettonni kee qajeeltota fakkaatan gooteertaatii.
53 “ ‘Taʼus ani hambaa Sodoomii fi kan intallan ishee, kan Samaariyaatii fi kan intallan ishee, kan kees kan isaanii wajjin nan deebisa; 54 kunis akka ati salphina kee baadhattee waan isaan jajjabeessuuf hojjette sana hundaan qaanoftuuf. 55 Obboleettonni kee Sodoomii fi intallan ishee, Samaariyaa fi intallan ishee akkuma duraan turanitti ni deebiʼu; atii fi intallan kees akkuma duraan turtanitti ni deebitu. 56 Ati bara of tuulaa turte sana keessa obboleettii kee Sodoomiin maqaa iyyuu hin dhoofne; 57 kunis utuu hamminni kee ifatti hin baʼin ture. Taʼus ati amma intallan Edoomiin, olloota ishee hundaa fi intallan Filisxeemotaa jechuunis warra naannoo kee jiraatan kanneen si tuffatan hundaan ni balfamta. 58 Ati gatii wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetteetii fi kan hojii kee jibbisiisaa sanaa ni argatta, jedha
59 “ ‘