6 Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan. 7 Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan.
8 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Akka inni anaa fi saba koo irraa fatteewwan fageessuuf Waaqayyo kadhadhaa; anis akka sabni keessan dhaqee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gadin dhiisa” jedhe.
9 Museenis Faraʼooniin, “Akka fatteewwan siʼii fi manneen kee irraa badanii laga Abbayyaa qofa keessatti hafaniif yeroo ani itti siif, qondaaltota keetii fi saba keetiif illee Waaqa kadhadhu ati na beeksisi” jedhe.
10 Faraʼoon immoo, “Bor” jedheen.
Museenis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa keenyaa fakkaatu kan tokko iyyuu akka hin jirre akka beektuuf akkuma ati jettu taʼa. 11 Fatteewwan sun siʼii fi manneen kee irraa, qondaaltota keetii fi saba kee irraa ni badu; laga Abbayyaa qofa keessattis ni hafu.”
12 Musee fi Aroon erga Faraʼoon biraa gad baʼanii booddee Museen waaʼee fatteewwan Waaqni Faraʼoonitti erge sanaa Waaqayyotti iyye. 13Waaqayyos akkuma Museen kadhate godhe. Fatteewwan sunis mana keessatti, oobdii irratti, dirree irrattis dhuman. 14 Fatteewwan sunis walitti qabamanii tuulaman; biyyattiinis ni ajoofte. 15 Faraʼoon garuu yommuu akka dhaʼichi sun qabbanaaʼe argetti akkuma Waaqayyo dubbatee ture sana mata jabeessa taʼee Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
Injiraanis namaa fi horii irra ture. 19 Tolfattoonnis Faraʼooniin, “Kun quba Waaqaa ti” jedhan. Faraʼoon garuu akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee dhagaʼuu dide.
Dhaʼicha Tisiisaa
20Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon duratti dhiʼaadhu; kunoo inni gara bishaanitti gad baʼa; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka inni na tajaajiluuf saba koo gad dhiisi. 21 Yoo ati saba koo gad dhiisuu didde immoo kunoo, ani tuuta tisiisaa sitti, qondaaltota keetti, saba keetti, manneen keetti nan erga. Manneen warra Gibxi, lafti isaan jiraatanis tisiisaan guutamu.
22 “ ‘Ani garuu guyyaa sana iddoo sabni koo jiraatu Gooshenin haala addaatiin nan ilaala; akka ati akka ani Waaqayyo biyya kana keessa jiru beektuuf tisiisni tokko iyyuu achi hin jiraatu. 23 Ani saba kootii fi saba kee gidduutti garaa garummaa nan uuma. Mallattoon kunis bori taʼa.’ ”
24Waaqayyos akkasuma godhe. Tisiisni baayʼeen mana Faraʼoonii fi manneen qondaaltota isaatti duude; biyyi Gibxi guutuunis tisiisaan balleeffame.
25 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Dhaqaatii biyyuma kana keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessaa” jedheen.
26 Museen immoo deebisee akkana jedhe; “Akkas gochuun qajeelaa hin taʼu; aarsaan nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf dhiʼeessinu warra Gibxi biratti jibbamaa dha. Kunoo, yoo nu aarsaa fuula isaanii duratti jibbamu dhiʼeessine isaan dhagaadhaan nu hin tumanii ree? 27 Akkuma inni nu ajajetti nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessuuf gara gammoojjii karaa guyyaa sadii deemuu qabna.”
29 Museenis akkana jedhee deebise; “Kunoo, ani akkuman si biraa deemeen akka bor tisiisni Faraʼoon irraa, qondaaltota isaatii fi saba isaa irraa kaʼu Waaqayyo nan kadhadha. Yaa Faraʼoon ati garuu, akka sabni kun Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gad dhiisuu diddee ammas nu hin gowwoomsin.”
30 Museenis ergasii Faraʼoon biraa baʼee Waaqayyo kadhate; 31Waaqayyos akkuma Museen isa kadhate sana godhe; tisiisni sunis Faraʼoonin, qondaaltota isaatii fi saba isaa gad dhiisee deeme; tisiisni tokko iyyuu hin hafne. 32 Faraʼoon garuu ammas mata jabeessa taʼe; saba sanas gad dhiisuu dide.