1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani Faraʼooniif waaqa si godheera; obboleessi kee Aroon immoo raajii siif taʼa. 2 Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Aroon immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima. 3 Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu, 4 inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa. 5 Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
6 Musee fi Aroonis akkuma Waaqayyo isaan ajaje godhan. 7 Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Museen nama waggaa saddeettama ture; Aroon immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture.
10 Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate. 11 Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan. 12 Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite. 13 Taʼus Faraʼoon akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.
Dhaʼicha Dhiigaa
14 Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon mata jabeessa taʼeera; saba sanas gad dhiisuu dide. 15 Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi; kunoo inni bishaanitti gad baʼa. Ulee bofatti geeddaramte sana harkatti qabadhuutii qarqara laga Abbayyaatti isa eegi. 16 Akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedhee sitti na ergeera: Akka sabni koo dhaqee gammoojjii keessatti naaf sagaduuf gad lakkisi. Ati garuu hamma ammaatti ajajamuu diddeerta. 17Waaqayyo akkana jedha: Akka ani Waaqayyo taʼe ati kanaan beekta: Kunoo ani ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan Abbayyaa nan dhaʼa; bishaan sunis dhiigatti geeddarama. 18 Qurxummiiwwan laga Abbayyaa keessaa ni duʼu; lagni sunis ni ajaaʼa; warri Gibxis bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼan.’ ”