1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2 “Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera; 3 ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera; 4 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf; 5 akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. 6 Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera.
“Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.
7 “Isaanis dunkaana wal gaʼii,
taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru,
miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
8 minjaalaa fi miʼa isaa,
baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda,
iddoo aarsaa ixaanaa,
9 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda,
gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
10 wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman,
wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi
wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,