1 Yetroo lubichi Midiyaaniitii fi abbaan niitii Musee sun waan Waaqni Musee fi saba isaa Israaʼeliif godhe hunda, akkasumas akka
2 Erga Museen niitii isaa Ziphooraa ergee booddee Yetroo abbaan niitii Musee, ishee fi 3 ilmaan ishee lamaan simate. Maqaan ilma isaa tokkoo Geershoom jedhame; Museen, “Ani biyya ormaa keessatti alagaa taʼeera” jedheeraatii. 4 Kaan immoo, “Waaqni abbaa kootii gargaaraa kooti; inni goraadee Faraʼoon jalaa na baaseera” jechuudhaan Eliiʼezer jedhee moggaase.
5 Yetroon abbaan niitii Musees niitii Museetii fi ilmaan Musee wajjin gammoojjii keessatti gara tulluu Waaqaa iddoo Museen qubatee jirutti isa bira dhufe. 6 Yetroonis, “Ani abbaan niitii keetii Yootoor niitii keetii fi ilmaan ishee lamaan wajjin gara kee dhufaa jira” jedhee dhaamsa itti ergee ture.
7 Museenis abbaa niitii isaa simachuuf gad baʼe; gad jedhees harka fuudhee isa dhungate. Isaanis nagaa wal gaafatanii dunkaana seenan. 8 Museen waan
9 Yetroonis waan gaarii
13 Guyyaa itti aanutti Museen sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate. 14 Abbaan niitii isaas yommuu waan Museen sabaaf hojjetu hunda argetti, “Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?” jedhe.
15 Museen immoo akkana jedhee deebiseef; “Sabni kun fedhii Waaqaa barbaacha gara koo dhufaatii. 16 Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Waaqaas isaanitti nan hima.”
17 Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; “Wanni ati gootu kun gaarii miti. 18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu. 19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda. 20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. 21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. 22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. 23 Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala.”
24 Museenis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe. 25 Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate. 26 Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Museetti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan.
27 Ergasiis Museen abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale.
<- Baʼuu 17Baʼuu 19 ->