1 Mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer Mootittiin qopheessite sanaa dhaqan; 2 utuma guyyaa lammaffaa sanatti daadhii wayinii dhugaa jiranuu, mootichi akkana jedhee gaafate; “Yaa Asteer Mootittii wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maal? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan wanni ati gaafattu siif kennama.”
3 Asteer Mootittiin akkana jettee deebifte; “Yaa mooticha, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, yoo wanni kunis mooticha gammachiise, lubbuu koo naaf oolchi; kadhaan koo kanuma. Saba koo illee naaf baraar; gaaffiin koos kanuma. 4 Anii fi sabni koo ajjeefamuutti, barbadeeffamuu fi lafa irraa balleeffamuutti gurguramneerraatii. Nu utuu dhiiraa fi dubartiin garbummaa qofatti gurguramne taʼee, ani silaa nan calʼisan ture; rakkinni akkasii mooticha jeequuf sababii gaʼaa mitiitii.”
5 Ahashweroos Mootichis, “Inni eenyuu? Namni waan akkasii gochuuf ija jabaate sun eessa jira?” jedhee Asteer Mootittii gaafate.
6 Asteer immoo, “Amajaajii fi diinni sun Haamaan namichuma jalʼaa kanaa dha” jette.
8 Yeroo mootichi iddoo biqiltuu masaraa mootummaatii gara galma cidhaatti deebiʼetti Haamaan siree Asteer itti irkattee turte irratti gombifamee ture.