10 Yeroo Waaqayyo Waaqni kee biyya magaalaawwan gurguddaa fi babbareedoo kanneen ati hin ijaarin siif kennuuf gara biyya abbootii kee jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakate sanatti si galchutti, 11 yeroo manneen miʼa gosa hundaa kan ati hin guutatiniin guutame, boolla bishaanii kan ati hin qotin, mukkeen wayiniitii fi ejersaa kanneen ati hin dhaabin siif kennamanii atis nyaattee quuftutti, 12 ati akka Waaqayyo biyya Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana hin daganne of eeggadhu.
13Waaqayyoon Waaqa kee sodaadhu; isuma qofa tajaajili; maqaa isaatiinis kakadhu. 14 Waaqota biraa jechuunis waaqota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin; 15 sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiraatu sun Waaqa hinaafu taʼeef, aariin isaa sirratti bobaʼee lafa irraa si balleessa. 16 Akka Maasaah keessatti gootan sana Waaqayyo Waaqa keessan hin qorinaa. 17 Ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii, qajeelfamawwanii fi seerawwan inni isiniif kenne akka gaariitti eegaa. 18 Akka sitti toluu fi akka biyya gaarii Waaqayyo abbootii keetiif kennuuf kakate sana seentee dhaaltuuf waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa fi gaarii taʼe hojjedhu. 19 Ati akkuma Waaqayyo jedhe sanatti diinota kee hunda fuula kee duraa ni baafta.
20 Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, “Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan Waaqayyo Waaqni keenya isin ajaje kanaa maali?” jedhee si gaafate, 21 akkana jedhii itti himi; “Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; Waaqayyo garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide. 22Waaqayyo fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete. 23 Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide. 24Waaqayyo akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka Waaqayyo Waaqa keenya sodaannu nu ajaje. 25 Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa.”