15 Namni tokko yoo niitota lama qabaatee ishee tokko jaallatee garuu lamaan isaanii iyyuu ilmaan daʼaniif, yoo ilmi hangafni niitii inni hin jaallanne sana irraa dhalate, 16 namichi yommuu qabeenya isaa ilmaan isaatiif qoodutti mirga hangafummaa ilma niitii jibbe sanaa ilma niitii jaallatuutiif dabarsee kennuu hin qabu. 17 Garuu ilma hangafticha niitii hin jaallanne sana irraa dhalcheef qooda dhaala isaa keessaa harka lama kennuufiidhaan isa beeksisuu qaba. Ilmi sun mallattoo jalqabaa kan jabina abbaa isaa ti. Mirgi hangafummaa kan isaa ti.
Ilma Hin Ajajamne
18 Namni tokko yoo ilma mata jabeessaa fi fincilaa abbaa fi haadha isaatiif hin ajajamnee fi kan yommuu isa adaban hin dhageenye qabaate, 19 abbaa fi haati isaa qabanii balbala magaalaa isaa duratti maanguddootatti isa haa fidan. 20 Isaanis, “Gurbaan keenya kun mata jabeessaa fi fincilaa dha; nuuf hin ajajamu; inni albaadhessaa fi machooftuu dha” jedhanii maanguddootatti haa himan. 21 Ergasiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa ajjeesu. Ati hamaa of gidduudhaa baasuu qabda. Israaʼeloonni hundi waan kana dhagaʼanii ni sodaatu.
Seerawwan Garaa garaa
22 Yoo namni tokko cubbuu adabbii duʼa isatti mursiisu hojjetee ajjeefamee reeffi isaa mukatti fannifame, 23 ati reeffa isaa muka irra bulchuu hin qabdu. Waan namni muka irratti fannifamu abaarsa Waaqaa jala jiruuf isa gaafuma sana awwaali. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu hin xureessin.