8
Guuboo Ija Bilchaateen Guutame
1
Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef.
Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.”
3
4 Isin warri rakkattoota dhidhiittanii
hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;
5 isin akkana jettu;
“Akka nu midhaan gurgurannuuf
Baatiin Haaraan yoom goobana?
Akka nu qamadii gabaa baafannuuf
Sanbanni yoom darba?”
Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii
gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin
nama gowwoomsitanii saamtu;
6 hiyyeeyyii meetiidhaan,
rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii
girdiis qamadii wajjin gurgurattu.
7
8 “Sababii kanaaf lafti kirkirtee
namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii?
Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa;
isheen akkuma laga Gibxi
ol dadarbatamtee liqimfamti.”
9
“Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee
laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.
10 Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti,
sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara.
Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii
mataa keessan haaddattan nan godha.
Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa,
dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.”
11 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha;
“Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa;
innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee
beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.
12 Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha
galaanaa gara galaanaatti,
kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru;
garuu hin argatan.
13 “Bara sana
“Shamarran babbareedoo fi
dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.
14 Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan
yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan,
yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii