4 Warri Phaawulos bira dhaabachaa turanis; “Ati akkam luba Waaqaa ol aanaa tokko arrabsita?” jedhaniin.
5 Phaawulos immoo deebisee, “Yaa obboloota, ani akka inni lubicha ol aanaa taʼe hin beekne; ‘Waaʼee bulchaa saba keetii hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameeraatii”[a] jedhe.
6 Phaawulos yommuu akka isaan keessaa garri tokko Saduuqota, garri kaan immoo Fariisota taʼan beeketti, “Yaa obboloota ko, ani Fariisicha ilma Fariisii ti. Ani sababii akka warri duʼan duʼaa kaʼan abdadhuuf qoramuuf dhiʼaadheera” jedhe. 7 Yommuu inni waan kana dubbatetti Fariisotaa fi Saduuqota gidduutti falmiin uumame; yaaʼiin sun gargar qoodame. 8 Saduuqonni, “Duʼaa kaʼuun hin jiru, ergamoonnis, hafuuronnis hin jiran” jedhu; Fariisonni garuu akka kunneen hundinuu jiran amanu.
9 Wacni guddaanis uumame; barsiistonni seeraa tokko tokkos garee Fariisotaa keessaa kaʼanii, “Nu balleessaa tokko illee namicha kana irratti hin arganne; Hafuura yookaan ergamaa Waaqaatu isatti dubbate taʼinnaa?” jedhanii cimsanii dubbatan. 10 Ajajaan kumaa sunis yommuu falmiin jabaachaa deemetti jarri kun Phaawulosin cicciru jedhee sodaate. Kanaaf akka loltoonni dhaqanii humnaan achii isa fuudhanii qubata loltootaatti ol galchan ajaje.
11 Gooftaanis halkan itti aanutti Phaawulositti mulʼatee,
12 Yihuudoonni tokko tokko barii guyyaa itti aanuu mariʼatanii akka hamma Phaawulosin ajjeesanitti waa hin nyaanne yookaan waa hin dhugne walii kakatan. 13 Namoota afurtamaa oltu maree kana irratti hirmaate. 14 Isaanis gara luboota hangafootaatii fi gara maanguddootaa dhaqanii akkana jedhan; “Nu hamma Phaawulosin ajjeefnutti akka homaa afaaniin hin qabne jabeessinee kakanneerra. 15 Kanaafuu isinii fi waldaan Yihuudootaa waan waaʼee Phaawulos sirriitti cimsitanii qorachuu barbaaddan fakkeessaatii akka ajajaan kumaa sun Phaawulosin gara keessanitti gad ergu kadhadhaa; nu utuu inni achi hin gaʼin isa ajjeesuuf qophoofneerraatii.”
16 Garuu ilmi obboleettii Phaawulos yommuu maree kana dhagaʼetti qubata loltootaatti ol galee Phaawulositti hime.
17 Phaawulosis ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama tokko waamee, “Dargaggeessi kun waan isatti himu qabaatii mee ajajaa kumaatti isa geessi” jedheen. 18 Innis ajajaa kumaa sanatti isa geesse.
19 Ajajaan kumaas dargaggeessa sana harka qabee kophaatti baasee, “Wanni ati natti himuu barbaaddu maali?” jedhee gaafate.
20 Dargaggeessi sunis akkana jedhe; “Yihuudoonni waan waaʼee isaa sirriitti cimsanii qoruu barbaadan fakkeessanii akka ati Phaawulosin bori gara yaaʼii Yihuudootaatti gad ergitu si kadhachuuf walii galaniiru. 21 Waan isaan keessaa namoonni afurtamaa oli taʼan riphanii isa eeggachaa jiraniif ati isaan jalaa hin qabin. Isaan akka hamma isa ajjeesanitti homaa hin nyaanne yookaan hin dhugne kakataniiru; qophaaʼaniis eeyyama kee eeggachaa jiru.”
22 Ajajaan kumaa sunis, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkotti iyyuu hin dubbatin” jedhee dargaggeessa sana akeekkachiisee gad dhiise.
23 Ergasii inni ajajjuuwwan dhibbaa keessaa nama lama waamee akkana jedhee ajaje; “Akka loltoonni dhibbi lama, abbootiin fardaa torbaatamnii fi warri eeboo qabatan dhibbi lama edana saʼaatii sadiitti Qiisaariyaa dhaqaniif qopheessaa. 24 Phaawulosiifis farda inni yaabbatu qopheessaatii gara Feeliksi Bulchaa Biyyaatti nagaan geessaa.”
25 Innis akkana jedhee xalayaa tokko barreesse.
31 Kanaaf loltoonni sun akkuma ajajaman sana Phaawulosin fuudhanii halkaniin Antiiphaaxriisitti geessan. 32 Isaanis guyyaa itti aanutti akka abbootiin fardaa isa wajjin deeman godhanii ofii immoo qubata loltootaatti deebiʼan. 33 Abbootiin fardaa sunis yommuu Qiisaariyaa gaʼanitti xalayaa sana bulchaatti kennan; Phaawulosinis fuula isaa dura dhiʼeessan. 34 Bulchaan sunis erga xalayaa sana dubbifatee booddee, akka inni biyya kamii dhufe isa gaafate. Yommuu akka inni Kiilqiyaadhaa dhufe beekettis, 35 “Ani yeroo himattoonni kee as gaʼanitti dubbii kee nan dhagaʼa” jedhe. Innis ergasii akka Phaawulos masaraa Heroodis keessatti eegamus ajaje.
<- Hojii 22Hojii 24 ->-
a 23:5 Bau 22:28