1 Gosoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit bira dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti. 2 Duraan yeroo Saaʼol mootii keenya turetti, namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture.
3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit mooticha bira dhufanitti mootichi Kebroonitti fuula
4 Daawit yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtama bulche. 5 Kebroon keessatti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa Yihuudaa irratti mootii ture; Yerusaalem keessatti immoo waggaa soddomii sadii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa irratti mootii taʼe.
6 Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawitiin, “Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu” jedhan. Isaan, “Daawit as seenuu hin dandaʼu” jedhanii yaadan. 7 Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawit ni qabate.
8 Daawitis gaafas, “Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawitiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba” jedhe. Sababiin isaan, “ ‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan” jedhaniif kanuma.
9 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawit jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare. 10 Innis sababii
11 Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawit erge; isaanis Daawitiif masaraa ijaaran. 12 Daawitis akka
13 Daawitis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif. 14 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, 15 Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 16 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
17 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti, humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee gara daʼannoo jabaatti gad buʼe. 18 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan; 19 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee
20 Kanaafuu Daawit gara Baʼaal Pheraaziim dhaqe; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana
22 Filisxeemonni amma illee dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan; 23 kanaafuu Daawit