1 Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe. 2 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. 3 Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula
5
6 Wantoonni bara mootummaa Azaariyaa keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 7 Azaariyaa abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
8 Bara mootummaa Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti Zakkaariyaas ilmi Yerobiʼaam Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa jaʼa bulche. 9 Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula
10 Shaluum ilmi Yaabeesh sun Zakkaariyaasitti kaʼee fuuluma sabaa duratti isa ajjeesee iddoo isaa qabatee mootii taʼe. 11 Wantoonni bara mootummaa Zakkaariyaas keessa hojjetaman kanneen biraa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 12 Akkasiinis dubbiin
13 Shaluum ilmi Yaabeesh bara mootummaa Uziyaan mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee jiʼa tokko bulche. 14 Menaaheem ilmi Gaadiis Tiirzaadhaa kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis Shaluum ilma Yaabeesh sana lolee Samaariyaa keessatti ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
15 Wantoonni bara mootummaa Shaluum keessa hojjetaman biraatii fi fincilli inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
16 Yeroo sanatti, Menaaheem Tiirzaa kaʼee Tiifsaa fi warra magaalaa sana keessaa fi naannoo ishee jiraatu hunda dhaʼe; kunis sababii isaan karra banuufii didaniif. Innis Tiifsaa saamee dubartoota ulfa qaban hunda garaa baqaqse.
17 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti Menaaheem ilmi Gaadii mootii Israaʼel taʼe; innis Samaariyaa keessa jiraatee waggaa kudhan bulche. 18 Innis fuula
19 Ergasiis Phuuli mootichi Asoor biyyattiitti ni duule; Menaaheem immoo akka gargaarsa isaa argate aangoo ofii isaa jalatti mootummaa turfatuuf meetii taalaantii kuma tokko kenneef. 20 Menaaheem maallaqa kana warruma Israaʼel baasise. Akka mootii Asooriif kennamuuf namni sooressi kam iyyuu meetii saqilii shantama baasuu qaba. Kanaafuu mootiin Asoor duubatti deebiʼee malee ergasii biyyattii keessa hin turre.
21 Wanni bara mootummaa Menaaheem keessa hojjetame kan biraa, wanni inni hojjete hundis kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii? 22 Menaaheemis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Pheqaayaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
23 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa shantammaffaatti Pheqaayaan ilmi Menaaheem Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche. 24 Pheqaayaan fuula
26 Wanni bara mootummaa Pheqaayaa keessa hojjetame kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
27 Bara Azaariyaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa shantamii lammaffaatti, Pheqaan ilmi Remaaliyaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa digdama bulche. 28 Innis fuula
29 Bara Pheqaa mooticha Israaʼel keessa Tiiglaat Phileeser mootichi Asoor dhufee Iiyoon, Abeel Beet Maʼaakaa, Yaanoʼaa, Qaadeshii fi Haazoor, Giliʼaadii fi Galiilaa, biyya Niftaalem hundas walumatti qabatee namootas guuree Asooritti geesse. 30 Ergasiis Hoosheeʼaa ilmi Eelaa, Pheqaa ilma Remaaliyaatti malate. Innis lolee isa ajjeesee bara mootummaa Yootaam ilma Uziyaan keessaa waggaa digdammaffaatti iddoo isaa mootii taʼe.
31 Wanni bara mootummaa Pheqaa keessa hojjetame biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
32 Bara Pheqaa ilma Remaaliyaa mooticha Israaʼel keessa waggaa lammaffaatti Yootaam ilmi Uziyaan mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. 33 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. 34 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula
36 Wantoonni bara mootummaa Yootaam keessaa hojjetaman kanneen biraatii fi wantoonni inni hojjete kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffameera mitii? 37 Bara sana keessa