1 Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. 2 Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula
4 Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa
6 Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture. 7 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.” 8 Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan.
9 Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa
13 Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa
17 Yeruma kana keessa Hazaaʼeel mootiin Sooriyaa Gaatitti ol baʼee lolee ishee qabate. Ergasii immoo Yerusaaleminis loluuf itti gara gale. 18 Yooʼaash mootichi Yihuudaa garuu miʼoota abbootiin isaa mootonni Yihuudaa Yehooshaafaax, Yehooraamii fi Ahaaziyaan Waaqaaf addaan baasanii fi kan inni mataan isaa Waaqaaf addaan baase, warqee kuusaa qabeenya mana qulqullummaa
19 Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 20 Qondaaltonni isaa isatti malatanii karaa Siilaatti gad buʼu irratti Beet Miilootti isa ajjeesan. 21 Qondaaltonni isa ajjeesanis Yozaakaar ilma Shimeʼaatii fi Yehoozaabaad ilma Shoomeer turan. Innis duʼee abbootii isaa biratti Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
<- 2 Mootota 112 Mootota 13 ->