“Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Waaqayyo Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa. 7 Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa. 8 Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Waaqayyootti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa keessan tajaajilaa. 9 Sababii Waaqayyo Waaqni keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Waaqayyootti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu.”
10 Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis. 11 Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan. 12 Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Waaqayyootti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Waaqaa yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.