1 Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. 2 Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula
5 Yootaamis mootii Amoonotaa waraanee isaan ni moʼate. Waggaa sana keessa Amoononni meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu safartuu qoroosii kuma kudhan ni kennaniif. Amoononni waggaa lammaffaa fi waggaa sadaffaattis hammasuma ni kaffalaniif.
6 Yootaam sababii fuula
7 Wantoonni bara Yootaam keessa hojjetaman biraa, lola inni lolee fi wantoonni inni hojjete biraa kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. 8 Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. 9 Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
<- 2 Seenaa 262 Seenaa 28 ->