1 Sababii Saamtonni Araboota wajjin qubata loltootaa seenan sun ilmaan isaa hangafoota hunda fixaniif namoonni Yerusaalem Ahaaziyaa ilma Yehooraam sana iddoo isaa buusanii mootii godhan. Kanaafuu Ahaaziyaa ilmi Yehooraam mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu ni jalqabe.
2 Ahaaziyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii turte.
3 Innis sababii haati isaa akka inni dogoggora hojjetu isa jajjabeessaa turteef karaa mana Ahaab duukaa buʼe. 4 Sababii manni Ahaab erga abbaan isaa duʼee booddee gorsitoota isaa taʼuudhaan gara yakka hojjechuutti isa oofaniif, innis akkuma manni Ahaab godhe sana fuula
7 Sababii inni Yehooraamin gaafachuu dhaqeef Waaqni Ahaaziyaatti badiisa fide. Ahaaziyaan yommuu achi gaʼetti Yehuu ilma Nimshii sana simachuuf Yooraam wajjin gad baʼe. Yehuun immoo nama
10 Ataaliyaan haati Ahaaziyaa yommuu akka ilmi ishee duʼe argitetti kaatee maatii mana mootii Yihuudaa guutumaan guutuutti balleessite. 11 Yehooshebaati intalli Yehooraam Mootichaa garuu ilmaan moototaa kanneen ajjeefamuuf turan keessaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa hattee fudhachuudhaan guddiftuu isaa wajjin dinqatti ni dhoksite. Yoshabeti intalli Iyyooraam Mootichaa, niitiin Yehooyaadaa lubichaa sun obboleettii Ahaaziyaa turte; isheenis akka Ataaliyaan isa hin ajjeefneef mucaa sana dhoksite. 12 Innis bara Ataaliyaan biyya bulchaa turte hunda isaan wajjin mana qulqullummaa Waaqaa keessatti dhokfamee waggaa jaʼa jiraate.
<- 2 Seenaa 212 Seenaa 23 ->