“Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: ‘Ati karaa abbaa kee Yehooshaafaax irra yookaan karaa Aasaa mooticha Yihuudaatti hin adeemne. 13 Ati garuu karaa mootota Israaʼel irra deemuudhaan akkuma manni Ahaab godhe sana Yihuudaa fi saba Yerusaalem sagaagalchiifte. Obboloota kee miseensota mana abbaa keetii kanneen sirra wayyan sana illee ni fixxe. 14 Kanaafuu Waaqayyo amma saba kee, ilmaan kee, niitota kee fi waan ati qabdu hunda dhaʼicha hamaadhaan dhaʼuuf jira. 15 Ati mataan kee iyyuu dhukkuba marʼumaanii kan guyyaa guyyaadhaan hammaachaa deemuun qabamta; dhuma irrattis dhukkubichi marʼumaan kee alatti yaasa.’ ”
16Waaqayyos Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase. 17 Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef.
18 Waan kana hundaa booddee Waaqayyo dhukkuba marʼumaanii kan hin fayyineen Yehooraamin ni dhaʼe. 19 Innis oolee bulee dhuma waggaa lammaffaatti sababii dhukkuba hamaa sanaatiif marʼumaan isaa keessaa ni kufe; akka malees dhiphatee ni duʼe. Namoonni isaa akka abbootii isaatiif godhan sana ulfina isaatiif jedhanii ibidda hin bobeessine.
20 Yehooraam yeroo mootii taʼetti nama waggaa soddomii lamaa ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. Yeroo inni duʼetti namni tokko iyyuu isaaf hin gaddine; innis Magaalaa Daawit keessatti awwaalame malee lafa mootonni itti awwaalamanitti hin awwaalamne.