5 Yehooshaafaaxis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdii haaraa dura waldaa Yihuudaa fi Yerusaalem gidduu dhaabatee 6 akkana jedhe:
“Yaa Waaqayyo, Waaqa abbootii keenyaa, ati Waaqa samii keessa jiraattu mitii? Ati mootummoota sabootaa hunda bulchita; humnii fi jabinni si harka jiru; namni siin mormuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. 7 Yaa Waaqa keenya, ati jiraattota biyya kanaa fuula saba kee Israaʼel duraa baaftee biyyattii bara baraan sanyiiwwan Abrahaam michuu kee sanaaf hin kenninee? 8 Isaanis biyya sana keessa jiraatanii Maqaa keetiif mana qulqullummaa ni ijaaran; akkanas jedhan: 9 ‘Yoo wanni hamaan nutti dhufe, yoo goraadeen, murtiin yookaan dhaʼichi yookaan beelli nutti dhufe, nu fuula kee dura mana qulqullummaa kan Maqaa keetiin waamamu kana dura dhaabannee dhiphina keenya keessatti sitti iyyanna; atis nu dhageessee nu oolchitta.’
10 “Amma garuu namoonni Amoon, kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen ati akka Israaʼeloonni yeroo Gibxii dhufanitti isaan hin tuqne gootee akkasiin badiisa oolan sun as jiru. 11 Kunoo akka isaan biyya ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu baasuudhaan galata keenya nuu deebisuuf dhufan ilaali. 12 Yaa Waaqa keenya ati isaanitti hin murtuu? Nu waraana guddaa nutti dhufe kana of irraa deebisuudhaaf humna hin qabnu. Nu waan goonu hin beeknu; iji keenya garuu sirra jira.”
14 Yahiziiʼeel ilma Zakkaariyaas ilma Benaayaa, ilma Yeʼiiʼeel ilma Mataan Lewwicha sanyii Asaaf sana utuma inni waldaa keessa dhabatuu Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe.
15 Innis akkana jedhe; “Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Waaqayyo akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Waaqaa ti malee kan keessan miti. 16 Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu. 17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Waaqayyo isin wajjin dhaabata.’ ”
18 Yehooshaafaax adda isaatiin lafatti gombifame; namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem hundinuus fuula Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamanii ni sagadan. 19 Ergasii immoo garee Qohaatii fi Qooraahi keessaa Lewwonni tokko tokko dhaabatanii, sagalee guddaadhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel ni galateeffatan.
20 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii gammoojjii Teqooʼaatti ni qajeelan. Yehooshaafaaxis akkuma isaan baʼaniin dhaabatee, “Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem na dhaggeeffadhaa! Isin ni jabaattuutii Waaqayyo Waaqa keessan amanadhaa; raajota isaa illee amanaa isin ni milkooftuutii” jedhe. 21 Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii,
31 Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte. 32 Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete. 33 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Waaqa abbootii isaaniitti hin deebine ture.
34 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru.
35 Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate. 36 Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan. 37 Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef Waaqayyo hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.