1 Yehooshaafaax yeroo kanatti qabeenyaa fi ulfina guddaa qaba ture; innis karaa fuudhaatiin Ahaabitti ni firoome. 2 Innis waggoota muraasa booddee Ahaabin arguuf gara Samaariyaatti gad buʼe. Ahaabis isaa fi namoota isa wajjin turaniif hoolotaa fi sangoota baayʼee qalee akka inni Raamooti Giliʼaad lolu isa sossobate. 3 Ahaab mootichi Israaʼel, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa gaafate.
5 Kanaafuu mootichi Israaʼel raajota dhibba afur walitti qabee, “Nu Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baanu moo dhiisnu?” jedhee ni gaafate.
6 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin
7 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin
8 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
9 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan. 10 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “
11 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “
12 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
13 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa
14 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo ani dhiisu?” jedhee isa gaafate.
15 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa
16 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge.
17 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
18 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii
21 “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe.
22 “Kanaafuu
23 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri
24 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
25 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii, 26 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
27 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite,
28 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan. 29 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
30 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaatiin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje. 31 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; Yehooshaafaax garuu guddisee iyye;
33 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa qomee sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi. Ani madaaʼeeraatii” jedhe. 34 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootiin Israaʼelis ol jedhee hamma aduun dhiitutti gara warra Sooriyaatti garagalee irkatee gaarii isaa keessa oole. Yommuu biiftuun lixxettis ni duʼe.
<- 2 Seenaa 172 Seenaa 19 ->