1 Dubbiin Saamuʼeel Israaʼel hunda bira gaʼe.
4 Kanaafuu sabni sun gara Shiilootti namoota erguudhaan taabota kakuu
5 Yommuu taabonni kakuu
10 Kanaafuu Filisxeemonni ni lolan; Israaʼeloonnis moʼatamanii tokkoon tokkoon namaa gara dunkaana ofii isaatti baqate. Nama baayʼeetu dhume; Israaʼelis loltoota lafoo kuma soddoma dhabde. 11 Taabonni Waaqaa ni boojiʼame; ilmaan Eelii lamaanuu Hofniinii fi Fiinehaas ni duʼan.
12 Gaafuma sana namichi Beniyaam tokko wayyaa isaa tarsaasee, mataa isaatti daaraa firfirsee fiigaa gara Shiiloo dhaqe. 13 Eeliinis yeroo namichi achi gaʼetti sababii waaʼee taabota Waaqaatiif garaan isaa raafameef waa dhagaʼuuf jedhee karaa cina barcuma irra taaʼee eegaa ture. Yeroo namichi sun magaalaa seenee waan taʼe hundumaa odeessetti warri magaalaa sanaa hundi ni iyyan.
14 Eeliinis yommuu iyya sana dhagaʼetti, “Kun iyya maaliitii?” jedhee gaafate.
17 Namichi oduu fide sun deebisee, “Israaʼeloonni Filisxeemota duraa baqatan; loltoota irras dhumiisa guddaatu gaʼe; ilmaan kee lamaanis Hofniinii fi Fiinehaas ajjeefamaniiru; taabonni Waaqaas boojiʼameera” jedheen.
18 Yommuu inni waaʼee taabota Waaqaa dubbatettis, Eeliin barcuma isaa kan balbala cina ture sana irraa dugda duubatti kufe. Nama dulloomaa dhagni isaa ulfaatu waan tureefis mormi isaa cabee duʼe. Innis waggaa afurtamaaf bulchaa Israaʼel ture.
19 Niitiin ilma isaa Fiinehaas ulfa daʼa geesse turte. Isheenis yommuu akka taabonni Waaqaa boojiʼamee fi akka abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼan dhageessetti ciniinsuun itti hammaatee jilbeenfattee deesse. 20 Yeroo isheen duʼuu geessettis dubartoonni ishee gargaaraa turan, “Dhiira deesseertaa jabaadhu” jedhaniin. Isheen garuu homaa hin deebifne yookaan yaadatti hin qabanne.
21 Sababii taabonni Waaqaa boojiʼamee fi sababii abbaan dhirsa isheetii fi dhirsi ishee duʼaniif, “Ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jechuudhaan maqaa mucaa ishee Iikaabood jettee moggaafte. 22 Isheenis, “Taabonni Waaqaa waan boojiʼameef ulfinni Israaʼel irraa fagaateera” jette.
<- 1 Saamuʼeel 31 Saamuʼeel 5 ->