1 Filisxeemonni loltoota isaanii hunda Afeeqitti walitti qabatan; Israaʼeloonni immoo burqaa Yizriʼeel keessa jiru bira qubatan. 2 Yommuu bulchitoonni Filisxeem dhibba dhibbaa fi kuma kumaan qoodamanii duulanitti Daawitii fi namoonni isaa Aakiish wajjin dugda duuba deemaa turan. 3 Ajajjoonni loltoota Filisxeemis, “Ibroonni kunneen maali asii hojjetu?” jedhanii gaafatan.
4 Ajajjoonni loltoota Filisxeem garuu isatti aaranii akkana jedhan; “Akka inni iddoo ati isa itti ramadde sanatti deebiʼuuf namicha kana deebisii ergi. Inni nu wajjin duuluu hin qabu; yoo kanaa achii inni lola keessatti nutti garagala. Inni yoo mataa namoota keenyaa kukkutuudhaan taʼe malee akkamitti gooftaa isaatti araaramuu dandaʼa? 5 Daawit kun namichuma isaan,
6 Kanaafuu Aakiish Daawitin waamee akkana jedheen; “Dhugaa
8 Daawit, “Garuu ani maalin godhe? Erga ani gara kee dhufee jalqabee hamma ammaatti yakki ati tajaajilaa kee irratti argite maali? Ani maaliifin dhaqee diinota gooftaa koo mootichaa waraanuu hin dandaʼu?” jedhee gaafate.
9 Aakiish akkana jedhee deebiseef; “Ani akka ati fuula koo duratti akkuma ergamaa Waaqayyoo namatti toltu beeka; taʼus ajajjoonni Filisxeemotaa, ‘Inni nu wajjin duuluu hin qabu’ jedhaniiru. 10 Egaa amma kaʼiitii tajaajiltoota gooftaa keetii kanneen si wajjin dhufan wajjin ganamaan akkuma lafti ifeen deemaa.”
11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa ganama bariin kaʼanii gara biyya Filisxeemotaa dhaquuf qajeelan; Filisxeemonni immoo gara Yizriʼeelitti ol baʼan.
<- 1 Saamuʼeel 281 Saamuʼeel 30 ->