1 Bara sana keessa Filisxeemonni Israaʼeloota loluuf humna isaanii walitti qabatan. Aakiishis Daawitiin, “Akka atii fi namoonni kee na wajjin duuluu qabdan beeki” jedhe.
2 Daawitis, “Waan garbichi kee hojjechuu dandaʼu ati iyyuu yeroo sana ni argita” jedhe.
3 Bara sana Saamuʼeel duʼee Israaʼeloonni hundi booʼaniifii magaalaa isaa Raamaatti isa awwaalan. Saaʼolis ilaaltotaa fi eker dubbiftoota biyyaa baasee ture.
4 Filisxeemonni wal gaʼanii Suunamin qubatan; Saaʼol immoo Israaʼeloota hunda walitti qabee Gilboʼaa keessa qubate. 5 Saaʼol yeroo qubata Filisxeemotaa argetti ni naʼe; garaan isaas sodaan raafame. 6 Innis
8 Kanaafuu Saaʼol wayyaa biraa uffatee bifa geeddarachuudhaan tajaajiltoota isaa lama wajjin halkaniin gara dubartii ekeraa dubbiftuu sanaa dhaqe. Innis, “Ekeraa naaf dubbisiitii nama ani maqaa isaa sitti himu ol naaf baasi” jedhe.
9 Dubartiin sun garuu, “Ati waan Saaʼol hojjete dhugumaan beekta. Inni ilaaltotaa fi eker dubbiftoota lafa irraa fixeera. Egaa maaliif lubbuu koo kiyyoo duʼaa keessa galchita ree?” jetteen.
10 Saaʼolis maqaa
11 Dubartittiin sunis, “Ani eenyun ol siif baasu ree?” jettee gaafatte.
12 Dubartiin sunis yommuu Saamuʼeelin argitetti guddiftee iyyite. Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼolii dha!” jette.
13 Mootichis, “Hin sodaatin. Ati maal argaa jirta?” isheen jedhe.
14 Saaʼolis, “Inni maal fakkaata?” jedhee gaafate.
15 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Ati maaliif ol na baasuudhaan na jeeqxa?” jedhe.
16 Saamuʼeelis akkana jedhe; “Ati erga
20 Saaʼol waan dubbii Saamuʼeeliin akka malee sodaateef yeruma sana hojjaa isaa guutuudhaan kufe. Inni waan halkanii fi guyyaa sana guutuu homaa hin nyaatiniif humna dhabee ture.
21 Dubartittiinis yommuu gara Saaʼol dhuftee akka inni akka malee sodaate argitetti akkana jette; “Kunoo tajaajiltuun kee siif ajajamteerti. Ani lubbuu kootti murteessee waan ati jette godheera. 22 Ammas maaloo tajaajiltuu kee dhagaʼi; ani nyaata xinnoo siifan kenna; atis nyaattee jabaattee karaa kee qajeelta.”
23 Inni immoo, “Hin nyaadhu” jedhee dide.
24 Dubartiin sunis dibicha gabbifame tokko manaa qabdi turte; isheenis yeroodhuma sana qalte. Daakuu xinnoo fuutee sukkuumtee buddeena raacitii hin qabne tolchite. 25 Isheenis Saaʼolii fi namoota isaatiif dhiʼeessite; isaanis ni nyaatan. Halkanuma sanas achii kaʼanii deeman.
<- 1 Saamuʼeel 271 Saamuʼeel 29 ->