1 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa Saaʼol bira dhaqanii, “Kunoo Daawit gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagaltu irra dhokatee jira mitii?” jedhan.
2 Kanaafuu Saaʼol namoota Israaʼel keessaa filataman kuma sadii wajjin Daawitin barbaacha Gammoojjii Ziifitti gad buʼe. 3 Saaʼol qubata isaa daandii gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagalu sana cina dhaabbate; Daawit garuu gammoojjii keessa ture. Innis yeroo akka Saaʼol isa duukaa buʼaa jiru beeketti, 4 basaastota ergee akka Saaʼol dhugumaan achi gaʼe mirkaneeffate.
5 Daawitis achii baʼee iddoo Saaʼol qubate dhaqe. Innis iddoo Saaʼolii fi Abneer ilmi Neer ajajaan loltootaa ciciisan arge. Saaʼol qubata keessa rafe; loltoonnis isa marsanii turan.
6 Daawitis Ahiimelek namicha Heetii fi Abiishaayi ilma Zeruuyaa obboleessa Yooʼaabiin, “Eenyutu na wajjin gara qubata kanaa Saaʼolitti seena?” jedhee gaafate.
7 Kanaafuu Daawitii fi Abiishaayi halkaniin gara loltootaa dhaqan; Saaʼol eeboo isaa mataa isaa bira lafatti dhaabee qubata keessa rafaa ture. Abneerii fi loltoonni immoo isa marsanii ciciisaa turan.
8 Abiishaayis Daawitiin, “Harʼa Waaqni diinota kee dabarsee harka keetti kenneera. Mee akka ani utuu itti hin deebiʼin yeruma tokkoon eeboo kootiin waraanee lafatti isa hodhu naa eeyyami; irra deebiʼee dhaʼuus na hin barbaachisu” jedhe.
9 Daawit garuu Abiishaayiin akkana jedhe; “Isa hin ajjeesin! Namni nama
12 Kanaafuu Daawit eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii
13 Ergasii Daawit gamatti ceʼee fagaatee fiixee gaara irra dhaabate; gidduu isaaniis lafa balʼaatu ture. 14 Daawitis loltootaa fi Abneer ilma Neeriitiin, “Yaa Abneer, ati deebii naaf hin kennituu?” jedhee lallabe.
15 Daawit akkana jedhe; “Abneer, ati jagna mitii? Israaʼel keessatti namni siin qixxaatu eenyu? Ati maaliif gooftaa kee mooticha sirriitti hin eegne? Kunoo namni tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee tureetii. 16 Wanni ati goote gaarii miti. Dhugaa
17 Saaʼol sagalee Daawit beekee, “Yaa ilma koo Daawit, kun sagalee keetii?” jedhe.
21 Saaʼolis, “Ani yakka hojjedheera. Yaa ilma koo Daawit kottuu deebiʼi. Sababii harʼa lubbuun koo fuula kee duratti ulfina argatteef ani lammata si miidhuu hin yaalu. Ani dhugumaan hojii gowwummaa hojjedheera; guddaas dogoggoreera jedhe.”
22 Daawitis akkana jedhee deebise; “Eeboon mootichaa kunoo ti; dargaggoota kee keessaa namni tokko dhufee haa fuudhu. 23
25 Kana irratti Saaʼol Daawitiin, “Yaa ilma koo Daawit eebbifami; ati waan guddaa hojjetta; dhugumaanis ni moʼatta” jedhe.