1 Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa awwaalan. Kana irratti Daawit achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe.
2 Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture. 3 Maqaan isaa Naabaal, kan niitii isaa immoo Abiigayiilii dha. Isheen dubartii beektuu fi bareedduu turte; dhirsi ishee garuu addaggee fi hamaa ture; gosti isaas gosa Kaaleb.
4 Daawit akka Naabaal Gammoojjii keessatti hoolota isaa irraa rifeensa haaddachaa jiruu ni dhagaʼe. 5 Kanaafuu akkana jedhee dargaggoota kudhan erge; “Naabaal bira gara Qarmeloos dhaqaatii maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa. 6 Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu!
7 “ ‘Ani amma akka yeroon kun yeroo itti hoolota irraa rifeensa haadan taʼe dhagaʼeera. Yeroo tiksoonni kee nu wajjin turanitti nu isaan hin miine; yeroo isaan Qarmeloos keessa turan guutuus wanni isaan qaban tokko iyyuu jalaa hin badne. 8 Hojjettoota kee gaafadhu; isaan sitti himuutii. Kanaafuu waan nu yeroo gaarii dhufneef dargaggoota kootiif arjoomi. Maaloo tajaajiltoota keetii fi ilma kee Daawitiif waanuma amma harkaa qabdu kenni.’ ”
9 Namoonni Daawitis yeroo achi gaʼanitti maqaa Daawitiin dhaamsa kana Naabaalitti himanii deebii isaa eeggatan.
10 Naabaalis tajaajiltoota Daawitiif akkana jedhee deebise; “Daawit kun eenyu? Ilmi Isseey kun eenyu? Yeroo ammaa tajaajiltoonni hedduun gooftota isaanii jalaa badaa jiru. 11 Egaa ani maaliifan buddeena koo, bishaan koo fi foon namoota hoolota koo irraa rifeensa haadaniif qale namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kenna?”
12 Namoonni Daawitis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan. 13 Daawitis namoota isaatiin, “Goraadee keessan hidhadhaa!” jedhe. Kanaafuu isaan goraadee isaanii hidhatan; Daawitis goraadee isaa hidhate. Namoonni gara dhibba afur taʼan Daawit wajjin deeman; namoonni dhibbi lama immoo miʼa biratti hafan.
14 Tajaajiltoota keessaa inni tokko akkana jedhee Abiigayiil niitii Naabaalitti hime: “Daawit akka isaan gooftaa keenyaaf nagaa dhiʼeessaniif gammoojjiidhaa ergamoota ergee ture; inni garuu akka malee isaan arrabse. 15 Taʼus namoonni kunneen nuuf baayʼee gaarii turan. Isaan nu hin miine; yeroo isaan wajjin bosona turre hundas wanti tokko iyyuu nu jalaa hin badne. 16 Yeroo nu hoolota keenya isaan bira tiksaa turre hunda isaan halkanii fi guyyaa dallaa nuu taʼanii turan. 17 Sababii gooftaa keenyaa fi guutummaa mana isaa balaan marseef ati amma waan gochuu dandeessu yaadi. Sababii inni nama hamaa akkanaa taʼeef namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandaʼu.”
18 Abiigayiil yeroo hin balleessine. Isheen buddeena dhibba lama, daadhii wayinii qalqalloo lama; hoolota qalmaaf qopheeffaman shan, akaayii safartuu shan, maxinoo ija wayinii dhibba tokkoo fi maxinoo ija harbuu dhibba lama fudhattee harreetti feʼatte. 19 Ergasii tajaajiltoota isheetiin, “Na dursaatii deemaa; ani isinan qaqqaba” jette. Garuu dhirsa ishee Naabaalitti hin himne.
20 Utuma isheen harree yaabbattee tulluudhaan daʼattee gad buʼaa jirtuu Daawitii fi namoonni isaa isheetti dhufan; isheenis isaan simatte. 21 Daawit akkana jedhee ture; “Ani akka wanni inni qabu tokko illee jalaa hin badneef gammoojjiitti qabeenya namicha kanaa eeguun koo gatii dhabeera. Inni waan gaarii ani isaaf godheef waan hamaa naaf deebiseera. 22 Yoo ani bori ganama waan kan isaa taʼe keessaa dhiira tokko illee lubbuun hambise, Waaqni Daawitin haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu!”
23 Abiigayiil yeroo Daawitin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawit duratti lafatti gombifamtee sagadde. 24 Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: “Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi. 25 Gooftaan koo waaʼee namicha hamaa sanaa waaʼee Naabaal homaattuu hin hedin. Inni akkuma maqaa isaa ti; hiikkaan maqaa isaas gowwaa jechuu dha. Gowwummaanis isa wajjin jira. Ani garbittiin kee garuu namoota gooftaan koo erge sana hin argine. 26 Akka ati dhiiga hin dhangalaafnee fi akka harka keetiin haaloo hin baafne
28 “Waan gooftaan koo lola
32 Daawitis Abiigayiiliin akkana jedhe; “
35 Daawitis ergasii waan isheen isaaf fidde sana harka ishee irraa fuudhatee, “Nagaan gali. Ani waan ati jette dhagaʼeera; gaaffii kees fudhadheera” jedhe.
36 Yeroo Abiigayiil gara Naabaal dhaqxetti, inni mana isaatti cidha akkuma cidha mootii tokkoo qopheessee ture. Innis gammachuudhaan guutamee akka malee machaaʼee ture. Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti waan tokko illee isatti hin himne. 37 Ganama sanas yeroo machiin Naabaal irraa galetti niitiin isaa waan kana hunda itti himte; onneen isaas ni dhaabatte; innis akkuma dhagaa taʼe. 38 Bultii kudhan booddee
39 Daawitis yeroo akka Naabaal duʼe dhagaʼetti, “
41 Isheenis adda isheetiin lafatti gombifamtee, “Garbittiin kee kunoo ti; ani si tajaajiluu fi miilla tajaajiltoota gooftaa koo dhiquuf qophaaʼeera” jette. 42 Abiigayiilis daftee harree yaabbattee tajaajiltoota ishee dubara shan qabattee ergamoota Daawit wajjin deebitee dhaqxee Daawitiif niitii taate. 43 Akkasumas Daawit biyya Yizriʼeel keessaa Ahiinooʼamin fuudhe; lamaan isaanii iyyuu niitota taʼaniif. 44 Saaʼol garuu Miikaal intala isaa kan niitii Daawit turte sana Phaltiiʼeel ilma Laayish kan lammii Galiim ture sanatti heerumsiise.
<- 1 Saamuʼeel 241 Saamuʼeel 26 ->