1 Erga Saaʼol Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼee booddee, “Daawit Gammoojjii Een Gaad keessa jira” jedhanii isatti himan. 2 Kana irratti Saaʼol guutummaa Israaʼel keessaa namoota filatamoo kuma sadii fudhatee Daawitii fi namoota isaa barbaacha gara Kattaa Reʼoota diidaa dhaqe.
3 Saaʼolis gara dallaa hoolotaa kan karaa cinaa sanaa dhufe; holqa tokkotu achi ture; Saaʼolis gad taaʼuuf achi seene. Daawitii fi namoonni isaas holquma sana keessa achi fagaatanii turan. 4 Namoonni Daawitis, “Guyyaan Waaqayyo, ‘Ani akka ati akkuma feete isa gootuuf diina kee dabarsee harka keetti nan kenna’ jedhee waaʼee isaa sitti hime sun harʼa” isaan jedhan. Daawitis lafa irra looʼee utuu hin beekamin fiixee wayyaa Saaʼol irraa kute.
5 Kana booddee Daawit waan fiixee wayyaa Saaʼol kuteef ni gaabbe. 6 Namoota isaatiinis, “Gooftaa koo kan Waaqayyo dibetti waan akkasii gochuu yookaan harka koo isatti ol kaafachuu irraa Waaqayyo na haa oolchu; inni dibamaa Waaqayyootii” jedhe. 7 Daawitis dubbii kanaan namoota isaa ifatee akka isaan Saaʼolin hin tuqne godhe. Saaʼolis holqa sana keessaa baʼee qajeele.
8 Ergasii Daawit holqa sana keessaa baʼee, “Yaa gooftaa koo mootii!” jedhee Saaʼolin waame. Yeroo Saaʼol of irra garagalee ilaaletti Daawit gad jedhee, addaan lafatti gombifamee sagade. 9 Innis Saaʼoliin akkana jedhe; “Ati maaliif dubbii namoonni, ‘Daawit si miidhuu barbaada’ jedhan dhageessa? 10 Akka Waaqayyo holqa kana keessatti dabarsee harka kootti si kenne harʼa ijuma keetiin argiteerta. Namoonni tokko tokko akka ani si ajjeesu na gorsan; ani garuu si ajjeesuu nan dide; anis, ‘Sababii inni dibamaa Waaqayyoo taʼeef, ani gooftaa kootti harka koo ol hin fudhadhun’ jedhe. 11 Yaa abbaa ko, kunoo fiixee wayyaa keetii harka koo keessatti ilaali! Ani fiixee wayyaa keetii nan kute; garuu si hin ajjeefne. Egaa akka ani yakka hin qabnee fi fincilaa hin taʼin hubadhu. Ani homaa si hin goone; ati garuu na ajjeesuuf na adamsaa jirta. 12Waaqayyo siʼii fi ana gidduutti murtii haa kennu. Yakka ati natti hojjette Waaqayyo haaloo haa baasu; ani garuu harka kootiinuu si hin tuqu. 13 Akkuma mammaaksi durii, ‘Namoota hamoo irraa waan hamaatu dhufa’ jedhu sana harki koo si hin tuqu.