1 Daawit yommuu, “Kunoo, Filisxeemonni Qeyiilaatti waraana bananii oobdii saamaa jiru” jedhanii itti himanitti, 2 “Ani dhaqee Filisxeemota kanneen waraanuu?” jedhee
3 Namoonni Daawit garuu, “Nu as Yihuudaa keessatti iyyuu sodaachaa jirra. Yoo loltoota Filisxeemotaa waraanuuf Qeyiilaa dhaqne immoo hammam haa sodaannu!” jedhaniin.
4 Daawit ammas deebiʼee
7 Akka Daawit Qeyiilaa dhaqe Saaʼolitti himan; innis, “Waan Daawit magaalaa karraa fi danqaraa qabdu keessa seenuudhaan ofitti cufeef Waaqni isa dabarsee natti kenneera” jedhe. 8 Saaʼolis akka isaan Qeyiilaatti gad buʼanii Daawitii fi namoota isaa marsaniif jedhee loltoota isaa hunda duulaaf walitti waammate.
9 Daawitis yeroo akka Saaʼol hammina isatti yaade beeketti Abiyaataar lubichaan, “Dirata sana as fidi” jedhe. 10 Ergasiis Daawit akkana jedhe; “Yaa
12 Daawit ammas, “Jiraattonni Qeyiilaa anaa fi namoota koo dabarsanii Saaʼolitti ni kennuu?” jedhee gaafate.
13 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa kanneen gara dhibba jaʼa taʼan Qeyiilaadhaa kaʼanii gara dhaquu dandaʼan hunda dhaqan. Saaʼolis yommuu akka Daawit Qeyiilaa keessaa baqate dhagaʼetti achi hin dhaqne.
14 Daawitis daʼannoowwan gammoojjii keessaatii fi gaarran Gammoojjii Ziif keessa ture. Saaʼolis guyyuma guyyaan isa barbaadaa ture; Waaqni garuu dabarsee harka isaatti Daawitin hin kennine.
15 Daawit utuu Gammoojjii Ziif keessa iddoo Hooreshaa jedhamu tokko jiruu akka Saaʼol isa ajjeesuuf dhufe beeke. 16 Yoonaataan ilmi Saaʼolis Daawit bira Hooreshaa dhaqe; maqaa Waaqaatiinis isa jajjabeesse. 17 Innis, “Hin sodaatin; abbaan koo Saaʼol harkumaanuu si hin tuqu. Ati mootii Israaʼel taata; ani immoo itti aanaa kee nan taʼa. Abbaan koo Saaʼol iyyuu waan kana ni beeka” jedheen. 18 Isaan lamaanuu fuula
19 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa gara Saaʼol dhaqanii akkana jedhan; “Daawit kibba Yasemooniin gaara Hakiilaa irra daʼannoowwan Hooreshaa keessa dhokatee gidduu keenya jira mitii? 20 Yaa mootii, ati gaafa dhufuu feete kottu; nu isa dabarsinee sitti ni kennina.”
21 Saaʼolis deebisee akkana jedhe; “Waan isin naa yaaddaniif
24 Kanaafuu isaan kaʼanii Saaʼol dursanii Ziif dhaqan. Daawitii fi namoonni isaa gama kibba Yasemooniin Gammoojjii Maaʼoon kan Arabbaatti argamtu keessa turan. 25 Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitin barbaaduu jalqaban; Daawitis yommuu waan kana itti himanitti gara kattaatti gad buʼee Gammoojjii Maaʼoon keessa ture. Saaʼolis yeroo waan kana dhagaʼetti Daawitin ariʼuuf Gammoojjii Maaʼoon seene.
26 Saaʼol gaara gubbaa karaa tokkoon deemaa ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo Saaʼol duraa baqachuuf jedhanii ariifachaa tulluu sana irra karaa kaaniin deeman. Yeroo Saaʼolii fi namoonni isaa itti dhiʼaatanii Daawitii fi namoota isaa qabachuu gaʼanitti, 27 ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Dafiitii kottu! Filisxeemonni biyyattii weeraranii jiruutii” jedhe. 28 Saaʼolis Daawitin ariʼuu dhiisee Filisxeemotatti gara gale. Kanaafuu iddoon sun, “Kattaa gargar baʼumsaa” jedhame. 29 Daawitis achii deemee daʼannoowwan Een Gaadii keessa jiraate.
<- 1 Saamuʼeel 221 Saamuʼeel 24 ->