1 Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaaree waan hojjechuu barbaade hunda fixetti, 2Waaqayyo akkuma Gibeʼoonitti isatti mulʼate sana ammas yeroo lammaffaa isatti mulʼate. 3Waaqayyo akkana isaan jedhe:
“Ani kadhannaa fi waammata ati fuula koo duratti dhiʼeessite dhagaʼeera; ani mana qulqullummaa kan ati ijaarte kana maqaa koo bara baraan achi keessa kaaʼuudhaan eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
4 “Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana garaa qulqulluu fi qajeelummaan fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde, 5 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama teessoo Israaʼel irra taaʼu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawitiif waadaa gale sana teessoo mootummaa keetii Israaʼel irratti jabeessee bara baraan nan dhaaba.
6 “Garuu yoo ati yookaan ilmaan kee narraa gortanii ajajawwanii fi qajeelchawwan ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan, 7 ani biyya isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan ariʼa; mana qulqullummaa kan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa. Ergasiis Israaʼel saboota hunda biratti waan kolfaatii fi waan qoosaa taati. 8 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa; namni achiin darbu hundis dinqisiifatee, ‘Waaqayyo maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa. 9 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Waaqayyo Waaqa isaanii kan abbootii isaanii Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.”