1 Innis erga Israaʼeloonni Gibxi keessaa baʼanii waggaa dhibba afurii fi saddeettammaffaatti, erga Solomoon Israaʼel irratti mootii taʼee immoo waggaa afuraffaa keessa jiʼa Ziif jechuunis jiʼa lammaffaa keessa mana qulqullummaa
2 Manni qulqullummaa kan Solomoon mootichi
7 Yeroo mana qulqullummaa sana ijaaranitti dhagaa boolla itti dhagaa cabsanitti soofame qofatti fayyadaman; yeroo manni qulqullummaa sun ijaaramaa turetti iyyi burruusaa, kan qottootii fi kan miʼa sibiilaa kamii iyyuu achitti hin dhagaʼamne.
8 Balballi kutaa manichaa kan jalaa karaa kibba mana qulqullummaatiin ture; gulantaan tokkos gara kutaa manichaa gidduutii fi gara kutaa manichaa sadaffaatti ol baasa. 9 Inni akkasiin mana qulqullummaa sana ijaaree saanqaa birbirsaatii fi dareeraadhaan gubbaa isaa duuchee fixe. 10 Innis kutaalee alaa sana naannoo mana qulqullummaatti marsee ijaare. Ol dheerinni tokkoo tokkoo isaaniis dhundhuma shan shan ture. Isaanis muka birbirsaatiin mana qulqullummaatti qabsiifaman.
11 Dubbiin
14 Akkasiin Solomoon mana qulqullummaa sana ijaaree fixe. 15 Innis hundee mana qulqullummaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti mamaxxansuudhaan keenyan manichaa karaa keessaatiin saanqaa birbirsaatiin uffise; lafa manichaas saanqaa birbirsaatiin uffise. 16 Karaa boroo mana qulqullummaatiinis iddoo qulqulluu kan keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe hojjechuuf hundee manichaatii jalqabee hamma gubbaa isaatti saanqaa birbirsaatiin kutaa dhundhuma digdama balʼatu tokko qoode. 17 Galmi guddichi fuula kutaa kanaa duraan jirus dhundhuma afurtama dheerata ture. 18 Keessi mana qulqullummaa sanaas birbirsa fakkiin buqqeetii fi daraaraa irratti soofameen faayeffamee ture. Wanni hundinuu birbirsaan hojjetame; dhagaan tokko iyyuu hin mulʼatu ture.
19 Inni taabota kakuu
23 Innis iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sana keessatti kiirubeelii muka ejersaa irraa hojjetaman kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudhan kudhan ol dheeratan tolche. 24 Qoochoon kiirubeelii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dalga dheerata; qoochoon kaanis dhundhuma shan dalga dheerata; walumatti fiixee qoochoo tokkootii hamma fiixee qoochoo kaaniitti dhundhuma kudhan dalga dheerata ture. 25 Sababii kiirubeeliin lachuu guddinaan wal qixxee taʼanii bifa tokko qabaataniif kiirubiin lammaffaanis dhundhuma kudhan dalga dheerata ture. 26 Ol dheerinni tokkoo tokkoo kiirubeeliis dhundhuma kudhan kudhan ture. 27 Solomoon kiirubeelii sana mana qulqullummaa keessa kutaa Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessa kaaʼe; qoochoon isaaniis babalʼifamee ture. Qoochoon kiirubeelii tokkoo keenyan manaa tokko tuqee qoochoon kiirubeelii kaanii immoo keenyan manaa kaan tuqe; qoochoon isaaniis dhufee walakkaa kutaa manichaatti wal tuqa ture. 28 Inni kiirubeelii sanas warqee itti uffise.
29 Solomoonis keenyan mana qulqullummaa sanaa hunda irratti, keessaa fi duubaan itti naannessee fakkiiwwan kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwanii miidhagse. 30 Lafa kutaalee mana qulqullummaa sanaa lachuuttis keessaa fi alaan warqee uffise.
31 Balbala iddoo qulqulluu kan gara keessaatiifis muka ejersaatiin cufaawwan tolche; cufaawwan sunis balʼina keenyaniitti harka shan keessaa harka tokko ture. 32 Cufaa muka ejersaa sana lamaan irrattis fakkiiwwan kiirubeelii, kan muka meexxiitii fi daraarawwanii miidhagsee fakkiiwwan kiirubeelii fi kan muka meexxii sanatti warqee uffise. 33 Haaluma kanaanis michichila balbalaa kan muka ejersaa irraa hojjetamee roga afur qabu tokko balbala galma guddichaatiif tolche. 34 Akkasumas balbala muka birbirsaa lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii saanqaa walitti deebiʼee cufamu lama lama qaban tolche. 35 Achi irrattis kiirubeelii, mukkeen meexxiitii fi daraarawwan miidhagsee warqee tumame wal qixxeessee itti uffise.
36 Innis dhagaa soofamaa toora sadii fi dareeraa birbirsaa, toora tokkoon oobdii manicha keessaa ijaare.
37 Hundeen mana qulqullummaa