3 “Akka Abbaan koo Daawit sababii waraana karaa hundaan isa marsee ture sanaatiif hamma Waaqayyo diinota isaa miilla isaa jala galchuufitti Maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiif mana qulqullummaa ijaaruu hin dandaʼin atuu beekta. 4 Amma garuu Waaqayyo Waaqni koo karaa hundaan boqonnaa naa kenneera; diinni yookaan balaan tokko iyyuu hin jiru. 5 Kanaafuu ani amma akkuma Waaqayyo abbaa koo Daawitiin, ‘Ilmi kee kan ani iddoo kee teessoo kee irra teessisu Maqaa kootiif mana qulqullummaa ni ijaara’ jedhe sanatti Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaruu yaadeera.
6 “Kanaafuu akka birbirsi Libaanoon naaf muramu ajaji. Namoonni koo namoota kee wajjin hojjetu; anis mindaa ati hojjettoota keetiif murteessitu kam iyyuu siifin kaffala. Akka nu muka baqaqsuu irratti akka Siidoonotaa ogeeyyii hin taʼin atuu beekta.”
7 Hiiraamis yommuu dhaamsa Solomoon sana dhagaʼetti akka malee gammadee, “Harʼa Waaqayyo haa eebbifamu; inni akka Solomoon saba guddaa kana bulchuuf ilma ogeessa kana Daawitiif kenneeraatii” jedhe.