1 Solomoon Mootichis akkasiin Israaʼel hunda bulche.
7 Solomoonis Israaʼel hunda irratti bulchitoota aanaalee kudha lama kanneen mootichaa fi warra mana mootichaa jiraataniif nyaata dhiʼeessan qaba ture. Tokkoon tokkoon isaaniis waggaa keessatti jiʼa tokko tokko nyaata dhiʼeessu ture.
20 Namoonni Yihuudaatii fi Israaʼel akkuma cirracha qarqara galaanaa baayʼee turan; isaanis nyaatanii dhuganii gammadan. 21 Solomoonis mootummoota Laga Efraaxiisii hamma biyya Filisxeemotaatti, hamma daarii Gibxitti jiran hunda bulchaa ture. Biyyoonni kunneenis gibira isaaf fidanii bara jireenya isaa guutuu Solomooniif bulan.
22 Nyaanni guyyuma guyyaatti Solomooniif galu daakuu qulqulluu Koorii soddoma, midhaan koorii jaatama, 23 sangoota coccoomoo kudhan, loon kaloo dheedan digdama, hoolotaa fi reʼoota dhibba tokko, akkasumas borofa, kuruphee, gadamsaa fi indaanqoo dha. 24 Inni mootummoota Laga Efraaxiisiin gama dhiʼa biiftuu jiran hunda, Tifsaadhaa hamma Gaazaatti bulchaa tureetii; karaa hundaanis nagaa qaba ture. 25 Bara Solomoon keessa Yihuudaa fi Israaʼel Daanii jalqabanii hamma Bersheebaatti nagaan jiraatan; tokkoon tokkoon namaas muka wayiniitii fi muka harbuu ofii isaa jala boqote.
26 Solomoonis gola fardeen gaarii harkisan keessa bulan kuma afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture.
27 Bulchitoonni aanaalee sunis yeroo jiʼi isaanii gaʼutti tokkoon tokkoon isaanii mootichaa fi warra maaddii Solomoon mootichaa irraa nyaatan hundaaf nyaata dhiʼeessu ture. Akka wanni tokko iyyuu hin hanqanneefis ni toʼatu turan. 28 Akkasumas fardeen gaarii harkisanii fi fardeen kaaniif iddoo barbaadameefitti garbuu fi cidii dhiʼeessu turan.
29 Waaqnis ogummaa fi hubannaa guddaa akkasumas garaa balʼaa akka cirracha qarqara galaanaa Solomooniif kenne. 30 Ogummaan Solomoon ogummaa namoota baʼa biiftuu jiraatanii hunda caala; ogummaa Gibxi hundas ni caala. 31 Inni nama kam iyyuu caalaa ogeessa; Eetaan namicha gosa Izraahi sana caalaa, Heemaan, Kalqoolii fi Dardaa ilmaan Maahool caalaa ogeessa. Maqaan isaas saboota naannoo sana jiraatan hunda biratti beekame. 32 Inni fakkeenya kuma sadii dubbate; baayʼinni faarfannaa isaas kuma tokkoo fi shan ture. 33 Inni birbirsa Libaanoon jalqabee hamma hiisophii dallaa irratti guddatuutti jireenya biqiltuuwwanii ibse. Waaʼee bineensotaatii fi waaʼee simbirroo, waaʼee uumamawwan lafa irra looʼaniitii fi waaʼee qurxummii illee dubbateera. 34 Namoonni biyyoota hundaa ogummaa Solomoon dhagaʼuuf mootota addunyaa kanneen waaʼee ogummaa isaa dhagaʼan hunda biraa dhufaa turan.
<- 1 Mootota 31 Mootota 5 ->