1 Waggaa sadiif Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waraanni tokko iyyuu hin turre. 2 Waggaa sadaffaa keessa garuu Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa mooticha Israaʼel arguuf gad buʼe. 3 Mootiin Israaʼel qondaaltota isaatiin, “Isin akka Raamooti Giliʼaad biyya keenya taatee nu garuu mootii Sooriyaa irraa ishee deebifachuuf waan tokko illee hojjechuutti hin jirre hin beektanii?” jedhe.
4 Kanaafuu inni, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaaxin gaafate.
6 Kanaafuu Mootichi Israaʼel raajota gara dhibba afur walitti qabee, “Ani Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baʼu moo dhiisu?” jedhee ni gaafate.
7 Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin
8 Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin
9 Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen.
10 Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan. 11 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “
12 Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “
13 Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen.
14 Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa
15 Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate.
16 Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa
17 Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge.
18 Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe.
19 Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii
22 “
23 “Kanaafuu
24 Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri
25 Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef.
26 Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii, 27 ‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.”
28 Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite,
29 Kanaafuu mootiin Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa Raamooti Giliʼaaditti ol baʼan. 30 Mootiin Israaʼel Yehooshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhokfadheen lola seena; ati garuu uffata mootummaa uffadhu” jedhe. Kanaafuu mootiin Israaʼel eenyummaa ofii isaa dhokfatee lola seene.
31 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa ajajjoota gaariiwwan isaa soddomii lamaaniin, “Mootii Israaʼelitti malee xinnaas taʼu guddaatti, nama tokkottuu lola hin kaasinaa” jedhee ajaje. 32 Ajajjoonni gaariiwwanii yommuu Yehooshaafaaxin arganitti, “Dhugumaan kun mootii Israaʼel” jedhanii yaadan. Kanaafuu isa rukutuuf itti garagalan; garuu yommuu Yehooshaafaax guddisee iyyetti, 33 ajajjoonni gaariiwwaniis akka inni mootii Israaʼel hin taʼin arganii isa ariʼuu dhiisan.
34 Garuu namichi tokko xiyya ofii isaa darbatee akkuma tasaa uffata isaa kan sibiilaa gidduudhaan mooticha Israaʼel ni waraane. Mootichis ooftuu gaarii isaatiin, “Gaarii naannessiitii lola keessaa na baasi; ani madaaʼeeraatii” jedhe. 35 Lolli sunis guyyaa guutuu ittuma cimee oole; mootichis ol qabamee fuula isaa gara warra Sooriyaatti deebifatee gaarii isaa keessa oole. Madaa isaa keessaas dhiigni yaaʼee gaarii keessa lolaʼe; innis galgaluma sana duʼe. 36 Akkuma aduun dhiiteen iyyi, “Tokkoon tokkoon namaa gara magaalaa ofii isaatti; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaatti!” jedhu tokko dhagaʼame.
37 Kanaafuu mootichi duunaan Samaariyaatti geeffame; isaanis achitti isa awwaalan. 38 Isaanis haroo Samaariyaa keessaa kan sagaagaltoonni itti dhiqachaa turan tokko keessatti gaarii sana dhiqan; akkuma dubbiin
39 Wantoonni bara mootummaa Ahaab keessa hojjetaman biraa, wantoota inni hojjete hunda dabalatee, masaraa mootummaa inni ijaaree ilka arbaatiin bareeche sun, magaalaawwan inni dallaa dhagaa itti ijaare kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 40 Ahaabis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Ahaaziyaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
41 Yehooshaafaax ilmi Aasaa, bara mootummaa Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa afuraffaatti mootii Yihuudaa taʼe. 42 Yehooshaafaax yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte. 43 Innis waan hundumaan karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula
45 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa hojjetaman kaan, jabinni inni argisiisee fi haalli inni itti lolaa ture kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 46 Inni manneen sagadaa dhiirota sagaagalanii kanneen bara mootummaa abbaa isaa Aasaa keessa turan iyyuu biyyattii keessaa ni balleesse. 47 Yeroo sanatti Edoom keessa mootiin tokko iyyuu hin jiru ture; itti aanaa mootiitu biyya bulchaa ture.
48 Yehooshaafaaxis warqee barbaacha Oofiir dhaquuf jedhee dooniiwwan tolfate; dooniiwwan sun garuu sababii Eziyoon Geberitti caccabaniif achi dhaquu hin dandeenye. 49 Yeroo sana Ahaaziyaa ilmi Ahaab Yehooshaafaaxiin, “Mee namoonni koo namoota kee wajjin dooniin haa deeman” jedhe; Yehooshaafaax garuu ni dide.
50 Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
51 Ahaaziyaan ilmi Ahaab bara Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha torbaffaatti Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼe; innis waggaa lama Israaʼelin bulche. 52 Inni karaa abbaa isaatii fi haadha isaa irra akkasumas karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat kan Israaʼelin cubbuu hojjechiise sanaa irra deemuudhaan fuula