1 Naabot namichi Yizriʼeel tokko Yizriʼeel keessaa, masaraa mootummaa Ahaab mooticha Samaariyaa biraa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture. 2 Ahaabis Naabotiin akkana jedhe; “Sababii inni masaraa mootummaa kootti dhiʼaatuuf akka ani achi irra biqiltuu dhaabbadhuuf iddoo dhaabaa wayinii keetii naaf kenni. Qooda isaa ani iddoo dhaabaa wayinii kan isa caalu yookaan yoo ati feete gatii isaa maallaqa siifin kennaa.”
3 Naabot garuu, “Dhaala abbootii koo siif kennuu irraa
4 Kanaafuu sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun “Ani dhaala abbootii koo siif hin kennu” jedheef Ahaab akka malee aaree dheekkamaa gara mana isaatti gale. Innis fuula isaa garagalfatee siree isaa irra ciise; waa nyaachuus ni dide.
5 Iizaabel niitiin isaas ol seentee, “Ati maaliif akkana aarta? Maaliif waa hin nyaanne?” jettee isa gaafatte.
6 Innis akkana jedhee deebiseef; “Sababii Naabot namichi Yizriʼeel sun, ani, ‘Iddoo dhaabaa wayinii keetii natti gurguri, yookaan yoo ati feete qooda isaa iddoo dhaabaa wayinii biraa siifin kenna’ jennaaniin inni immoo, ‘Ani iddoo dhaabaa wayinii koo siif hin kennu’ naan jedheef.”
7 Niitiin isaa Iizaabelis, “Ati amma mootii Israaʼelii? Kaʼii buddeena nyaadhu! Gammadis. Ani iddoo dhaabaa wayinii Naabot namicha Yizriʼeel sanaa siifin kennaa” jetteen.
8 Kanaafuu isheen maqaa Ahaabiin xalayoota barreessitee chaappaa isaatiin chaappeessitee maanguddootaa fi namoota bebeekamoo magaalaa Naabot keessa isa wajjin jiraatanitti ergite. 9 Xalayoota sana keessattis akkana jettee barreessite:
11 Kanaafuu maanguddoonnii fi namoonni bebbeekamoon magaalaa Naabot keessa jiraatan akkuma Iizaabel xalayoota barreessiteef keessatti isaan ajajje sana godhan. 12 Isaanis sooma labsanii akka Naabot waldaa keessa iddoo ol aanu taaʼu godhan. 13 Ergasii Kashlabboonni lama dhufanii fuula isaa dura tataaʼanii, “Naabot Waaqaa fi mooticha abaareera” jedhanii namoota duratti itti rageessan. Kanaafis magaalaa keessaa gad baasanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. 14 Ergasii isaan, “Naabot dhagaan tumamee duʼeera” jedhanii Iizaabelitti ergaa ergan.
15 Iizaabelis akkuma akka Naabot dhagaan tumamee duʼe dhageesseen Ahaabiin, “Kaʼiitii iddoo dhaabaa wayinii Naabot namichi Yizriʼeel sitti gurguruu dide sana dhaali. Inni lubbuun hin jiru; duʼeeraa” jette. 16 Ahaabis akka Naabot duʼe dhageenyaan iddoo dhaabaa wayinii Naabot sana dhaaluuf kaʼee gad buʼe.
17 Dubbiin
20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina ko, ati na argatteerta!” jedhe.
23 “Waaʼee Iizaabelis
24 “Nama Ahaab kan magaalaa keessatti duʼu kam iyyuu sareetu nyaata; kan baadiyyaatti duʼu immoo allaattii samiitu nyaata.”
25 Namni akka Ahaab isa niitii ofii isaa Iizaabeliin kakaafamee fuula
27 Ahaab yommuu dubbii kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee soome. Innis wayyaa gaddaatiin ciisaa, mataa buusees deemaa ture.
28 Dubbiin