1 Daawit Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Solomoonin ajaje.
2 Innis akkana jedhe; “Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi; 3 waan
5 “Ati mataan kee iyyuu waan Yooʼaab ilmi Zeruuyaa natti hojjete, waan inni ajajjoota loltoota Israaʼel lamaan jechuunis Abneer ilma Neerii fi Amaasaa ilma Yeteer godhe ni beekta. Inni bara nagaa keessa akka waan waraana keessatti taʼeetti isaan ajjeesee dhiiga isaanii dhangalaase; dhiiga sanas sabbata mudhii isaatii fi kophee faana isaatti faale. 6 Ogummaa keetiin isa adabi malee akka inni arrii isaatiin nagaan awwaalamu hin godhin.
7 “Garuu sababii isaan yeroo ani obboleessa kee Abesaaloom duraa baqadhetti na gargaaraniif ilmaan Barzilaayii namicha gosa Giliʼaad sanaatiif arjoomi; isaanis warra maaddii kee irraa nyaatan gidduu haa jiraatan.
8 “Shimeʼiin ilmi Geeraa namichi gosa Beniyaam kan biyya Bahuuriim inni gaafa ani Mahanayiim dhaqetti akka malee na abaare sun kunoo si wajjin jira. Ani garuu yeroo inni na simachuuf Yordaanos dhufetti, ‘Ani goraadeedhaan si hin ajjeesu’ jedhee maqaa
10 Daawitis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. 11 Innis waggaa afurtama Israaʼel irratti jechuunis waggaa torba Kebroonitti, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalemitti mootii taʼe. 12 Kanaafuu Solomoon teessoo abbaa isaa Daawit irra ni taaʼe; mootummaan isaas jabaatee dhaabate.
13 Yeroo kanatti Adooniyaan ilmi Hagiit gara Batisheebaa gara haadha Solomoon dhaqe. Batisheebaanis, “Ati nagumaaf dhuftee?” jettee isa gaafatte.
15 Innis akkana jedheen; “Akkuma ati beektu mootummaan kan koo ture. Warri Israaʼel hundinuus akka ani mootii isaanii taʼu na abdatan. Garuu wanni sun geeddaramee mootummaan gara obboleessa kootiitti deebiʼeera; wanni kun
17 Innis itti fufee, “Akka inni Abiishagi intala gosa Suunam sana akka niitiitti naaf kennuuf maaloo Solomoon mooticha naa kadhadhu; inni si hin diduutii” jedheen.
18 Batisheebaanis, “Kun waan gaarii dha! Ani dhaqeen mootichatti siif dubbadha” jettee deebifteef.
19 Kanaafuu Batisheebaan Adooniyaaf jettee isatti dubbachuuf gara Solomoon Mootichaa dhaqxe; Mootichis ishee simachuuf ol kaʼee harka ishee fuudhee teessoo isaa irra taaʼe. Inni teessoo haadha mootiitiif fidame tokko of biraa qaba ture; isheenis gama mirga isaatiin teesse.
20 Isheenis, “Ani waanan si kadhadhu xinnoo tokko qaba; maaloo na hin didin” jetteen.
21 Isheenis, “Obboleessi kee Adooniyaan intala gosa Suunam kan Abiishagi jedhamtu sana haa fuudhu” jetteen.
22 Solomoon mootichis akkana jedhee haadha isaatiif deebii kenne; “Ati maaliif Abiishagi intala gosa Suunam kana Adooniyaaf kadhatta? Ati mootummaa illee akkasuma isaaf kadhadhu; inni obboleessa koo hangafaatii; Abiyaataar lubichaa fi Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif illee gaafadhu!”
23 Solomoon mootichis akkana jedhee maqaa
26 Mootichis Abiyaataar lubichaan akkana jedhe; “Ati gara lafa qotiisaa kee kan Anaatoot jirtu sanaa deemi. Ati silaa duʼuu qabda turte; ani garuu sababii ati fuula abbaa koo Daawit duratti taabota
28 Yommuu oduun kun Yooʼaab namicha Abesaaloomiif tumsuu dhiisee Adooniyaaf tumse sana bira gaʼetti, inni gara dunkaana
30 Kanaafuu Benaayaa dunkaana
31 Mootichi akkana jedhee Benaayaa ajaje; “Akkuma inni jedhe sana godhi; ajjeesiitii isa awwaali; kanaanis yakka dhiiga nama qulqulluu kan Yooʼaab dhangalaase sanaa irraa anaa fi mana abbaa koo qulqulleessi. 32 Sababii inni utuu abbaan koo Daawit hin beekin namoota lama goraadeen ajjeeseef
34 Kanaafuu Benaayaa ilmi Yehooyaadaa achi dhaqee Yooʼaabin ajjeese; innis biyya ofii isaatti gammoojjii keessatti awwaalame. 35 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa sana ajajaa loltootaa godhee iddoo Yooʼaab buuse; Zaadoq lubicha immoo iddoo Abiyaataar buuse.
36 Ergasiis mootichi gara Shimeʼiitti nama ergee akkana jedheen; “Ati Yerusaalem keessatti mana ijaarradhuutii achuma jiraadhu; achii baatee gara tokko illee hin deemin. 37 Gaafa achii baatee Sulula Qeedroon ceetutti akka duutu dhugumaan beeki; dhiigni kees matuma keetti deebiʼa.”
38 Shimeʼiinis, “Wanni ati jette gaarii dha. Garbichi kee akkuma gooftaan koo mootichi jedhe sana ni godha” jedhee mootichaaf deebise. Shimeʼiinis bara dheeraa Yerusaalem keessa jiraate.
39 Garuu waggoota sadii booddee garboota Saamii keessaa namoonni lama gara Aakiish ilma Maʼakaa mooticha Gaatitti baqatan; Shimeʼiittis, “Garboonni kee Gaati keessa jiru” jedhamee himame. 40 Innis waan kana dhageenyaan kaʼee harree isaa irra kooraa kaaʼatee garboota isaa barbaadachuu Aakiish bira Gaati dhaqe. Kanaafuu Shimeʼiin dhaqee Gaatii garboota isaa fidate.
41 Yommuu akka Shimeʼiin Yerusaalemii baʼee Gaati dhaqee deebiʼe Solomoonitti himametti, 42 mootichi Shimeʼii waamsisee akkana jedheen; “Ani maqaa
44 Mootichi amma illee Shimeʼiidhaan akkana jedhe; “Ati cubbuu abbaa koo Daawititti hojjette hunda garaa kee keessatti ni beekta.
46 Mootichis Benaayaa ilma Yehooyaadaa ni ajaje; innis dhaqee Saamii dhaʼee ajjeese.