1 Utuma Yerobiʼaam aarsaa dhiʼeessuuf iddoo aarsaa bira dhaabachaa jiruu namni Waaqaa tokko ajaja
4 Yerobiʼaam mootichi yommuu waan namni Waaqaa sun iyyee iddoo aarsaa kan Beetʼeel sanaan mormuudhaan dubbate dhagaʼetti iddoo aarsaa biraa namichatti harka qabee, “Isa qabaa!” jedhe. Harki inni namichatti qabe sun garuu gogee hafe; innis harka isaa deebifachuu hin dandeenye. 5 Iddoon aarsaa sunis akkuma mallattoo namni Waaqaa sun dubbii
6 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Maaloo akka harki koo deebiʼee naa fayyuuf
7 Mootichi nama Waaqaa sanaan, “Kottu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu; anis kennaa siifin kennaa” jedhe.
8 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee mootichaaf deebii kenne; “Yoo ati walakkaa qabeenya keetii illee naa kennite ani si wajjin hin deemu yookaan asitti buddeena hin nyaadhu yookaan bishaan hin dhugu. 9 Ani, ‘Buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte kanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii
11 Jaarsa raajii tokkotu Beetʼeel keessa jiraachaa ture; ilmaan isaas gara isaa dhufanii waan namni Waaqaa sun guyyaa sana achitti hojjete hunda isatti himan. Isaan waan inni mootichaan jedhes abbaa isaaniitti himan. 12 Abbaan isaaniis, “Inni karaa kamiin deeme?” jedhee isaan gaafate. Ilmaan isaa immoo karaa namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun qabatee deeme isatti argisiisan. 13 Kana irratti inni ilmaan isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe. Isaanis harree irra kooraa keenyaaniif inni harree sana yaabbatee 14 gulufee nama Waaqaa sana duukaa buʼe. Utuu inni muka qilxuu tokko jala taaʼuus argee, “Namni Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufe sun siʼii?” jedhee isa gaafate.
15 Raajiin sunis, “Kottuu na wajjin mana kootti galiitii waa nyaadhu” jedheen.
16 Namni Waaqaa sun garuu akkana jedhee deebiseef; “Ani deebiʼee si wajjin deemuu yookaan asitti si wajjin buddeena nyaachuu yookaan bishaan dhuguu hin dandaʼu. 17 Ani, ‘Ati achitti buddeena hin nyaatin yookaan bishaan hin dhugin yookaan karaa dhufte sanaan hin deebiʼin’ jedhamee dubbii
18 Jaarsi raajiin sunis akkana jedhee deebii kenneef; “Ani iyyuu akkuma kee raajii dha. Ergamaan Waaqayyoo tokkos dubbii
20 Utuma isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu dubbiin
23 Yommuu namni Waaqaa sun nyaatee dhugee raawwatetti, raajiin deebisee isa fide sun harree isaa irra kooraa kaaʼeef. 24 Akkuma inni karaa ofii qabateen leenci tokko karaa irratti itti dhufee isa ajjeese; reeffi isaas karaa irratti gatamee harree fi leenci sun reeffa sana bira dhadhaabatanii turan. 25 Namoonni achiin darban tokko tokko reeffa karaa irratti gatamee leenci bira dhaabate sana arganii gara magaalaa jaarsi raajiin sun jiraatuu dhaqanii odeessan.
26 Raajichi karaadhaa deebisee isa fide sun yommuu waan kana dhagaʼetti akkana jedhe; “Inni nama Waaqaa kan dubbii
27 Raajiin sunis ilmaan ofii isaatiin, “Harree irra kooraa naaf kaaʼaa” jedhe; isaanis akkasuma godhan. 28 Innis kaʼee deemee reeffa namichaa kan karaa irratti gatamee harree fi leenci sun bira dhadhaabatan arge. Leenci sun immoo reeffa sana hin nyaanne yookaan harree sana hin ciccirre. 29 Kanaafuu raajiin sun booʼeefii isa awwaaluuf jedhee reeffa nama Waaqaa sana harree irra kaaʼee fudhatee magaalaa ofii isaatti gale. 30 Innis reeffa sana awwaala ofii isaa keessa ciibse; isaanis, “Wayyoo, yaa obboleessa koo!” jedhanii booʼaniif.
31 Innis erga isa awwaalee booddee ilmaan ofii isaatiin akkana jedhe; “Yoo ani duʼe awwaala namni Waaqaa kun itti awwaalame keessatti na awwaalaa; lafee koos lafee isaa bira kaaʼaa. 32 Ergaan inni iddoo aarsaa kan Beetʼeel keessaatii fi iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Samaariyaa keessa gaarran irra jiran sana hundaan mormuudhaan dubbii
33 Kana booddees Yerobiʼaam karaa isaa hamaa sana irraa hin deebine; garuu amma illee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa sanaaf saba hunda keessaa luboota muude. Innis nama luba taʼuu fedhu kam iyyuu iddoo sagadaa sanaaf addaan baase. 34 Cubbuun mana Yerobiʼaam kan kufaatii isaatii fi lafa irraa badiisa isaa fide sun kana ture.
<- 1 Mootota 121 Mootota 14 ->