1 Yaa obboloota, ani yeroon gara keessan dhufetti, afaan toluun yookaan ogummaa guddaadhaan dhuga baʼumsa waaʼee Waaqaa lallabaa hin dhufne. 2 Ani yeroon isin bira turetti Yesuus Kiristoos isa fannifame sana malee akka waan tokko illee hin beekne murteesseen tureetii. 3 Ani dadhabbiin, sodaa fi hollannaa guddaadhaan gara keessan dhufe. 4 Ergaan koo fi lallabni koo Hafuuraa fi humna argisiisuudhaan malee dubbii ogummaa fi sossobbii of keessaa qabuun hin turre; 5 kunis akka amantiin keessan humna Waaqaa irratti malee ogummaa namaa irratti hin hundeeffamneef.
Ogummaa Hafuura Irraa Argamu
6 Haa taʼuu malee nu warra bilchaatan gidduutti ogummaa dubbanna; garuu ogummaa addunyaa kanaa yookaan ogummaa bulchitoota addunyaa kanaa kanneen baduuf jiranii miti. 7 Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna. 8 Bulchitoota addunyaa kanaa keessaa tokko iyyuu ogummaa kana hin hubanne; isaan utuu hubatanii jiraatanii silaa Gooftaa ulfinaa hin fannisan tureetii. 9 Taʼu iyyuu akkuma,