Isaan kunneen sanyii Huuri ilma Efraataa hangaftichaatii fi abbaa Beetlihem sanaa ti.
5 Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture.
6 Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan.
7 Ilmaan Heelaa:
Zeret, Zooharii fi Etnaan; 8 Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti.
9 Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte. 10 Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef.
22 Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti. 23 Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture.
Simiʼoon
4:28‑33 kwf – Iya 19:2‑10
24 Ilmaan Simiʼoon:
Nemuuʼeel, Yaamiin, Yaariib, Zeraa fi Shaawul;
25 Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti.
26 Ilmaan Mishmaa:
Ilma isaa Hamuuʼeel, ilma isaa Zakuurii fi ilma isaa Shimeʼii.
27 Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre. 28 Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal, 29 Bilihaa, Ezem, Toolaad, 30 Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag, 31 Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan. 32 Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi 33 gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture.